RaveVlog

Barattoonni Siingaappoor maaliif Herregaan cimoo taan?

10 Amajjii 2024

Siingaappoor dorgommii Qormaata Piisaa Idil-addunyaa 2022tti barattoota gidduutti taasifameen gosa barnoota Herregaan, dubbiisuufi saayinsiidhaan dursuu dandeesseetti.

Biyyattiin barnootaHerregaatiin irra deddebbiin bu’a qabbeettii ta’uu dandeesseetti. Milkaa’inaaf kan dinqiisiifame ammoo haala addaa barnoonni ittiin kennamudha.

Herregni Siingaappoor maaliif milkaa’aa ta’e?

Sagantaan qormaata Barattoota Idil-addunyaa (Piisaa)n kan Dhaabbata Walta’insaafi Misooma Diinagdee (OECD)n caaseeffame yoo ta’u, sirna waggoota 15 sadarkaa barnoota barattoota ol adeemoo ta'an kan kenuudha.

Ulaagaalee safartuu ijoo Piisaa 2022 sadii keessaa tokko barnoota Herregaati. Barattoonni Siingaappoor umuriinsaanii wagga 15 ta’es qabxii 575 galmeessaniiru. Biyyoonni hirmaatan 81 jidduugalaan qabxii 471 argatan.

Aanga’oonni Siingaappoor barnoonni Herregaa barattoonni haala garaagaraatiin akka yaaduu danda’an taasisa jedhanii amanu.

Sababii kanaatiifis ijoolleen ol adeemoo ta'an Siingaappoor daa’imummaa irraa kaasuun attamiin akka itti adeemsawwan Herregaa murteessoo ta’an itti hubachuu danda’an baratu.

Haalli biyyattiin Herrega barsiisuuf itti fayyadamtu baratame Herrega Siingaappoor jedhamuun beekama.

Tooftaan kunis manneen barnootaa ummataatiif jedhamee yeroo jalqabaatiif kan ifa taasifamee bara 1980mota keessa karaa Minsteera Barnoota Siingaappooriin ture.

Waggoota kurnan dhiheenyaatiin as ammoo biyyoota garaa garaatti bal’inaan hojiirraa oolfamaa jira.

Herregni Siingaappoor attamiin hojjata?

Herregni Siingaappoor malawwan gurguddaa lama hordofa. Kunis adeemsa qabatamaa (concrete), fakkii, abstraaktii (SPA) fi yaada-riimee gahuumsa jedhaniidha.

CPAn Siingaappooriif Herrega miti. Ogeessa Saayikooloojii biyya Ameerikaa Jeeroom Biiruunariin bara 1960 keessa kan beeksiifamedha.

Kunis Herregni daa’immaniifi beektootatti ni ulfaata yaada jedhurratti kan hundaa’eedha.

Kanaaf, CPAn yaada -riimee gadi fagoo ta’an haala qabatamaadhaan kan beeksiisuudha. Itti aansuunis gara dhimma walxaxaatti geessa.

Yunivarsitii Oksifoorditti Pirofesar gargaaraa kan ta’na Dr Eriyaal Liindorf BBCtti akka himaniitti, ‘‘ijoolleen yeroo hunda yoo Herrega Siingaapoor baratan dhimma qabatamaa raawwatu’’ jedhan.

‘‘Yeroo ida’uu barattaanitti roga qabaachuu danda’u. Isaanis bakka tokkorra kaa’u. Dhimma fakkii ta’an hojjachuu ni danda’u. Fakkiin daraaraa ykn namootaa ykn racha ykn lakkoofsa waliin waliitti fiduun dhimmoota salphaa ta’an qabaachuu danda’na.’’

Daa’immanis erga waa’ee lakkoofsa Herregarratti waan qabatamaafi hubannoo cimaa fakkii akka qaban erga mirkanneessanii boda gara barnoota yaadaatti darbu.

‘‘Malli Herrega Siingaappoor kan yaadachiisuu irratti rarra’e qofa miti,’’ jedhan Dr Liindoorf.

Yaad-riimee ‘‘gahumsaa’’

Utubaan mala Herrega Siingaappoor kan gara biraa ammoo yaada ‘‘gahumsaati’’. Yaada kanaan barattoonni kutaa keessa jiran hundi booddeetti akka hin hafnee mirkanneessuun haala walqixa ta’een fuulduratti akka deeman kan ittiin taasifamudha.

Fakkeenyaaf, barattoonni wayita dhimmoota akka ida’uu jiran fa’i wayita barataniitti, tokko tokko kaan caalaa saffiisaan hubachuu danda’u.

Barattoonni ida’u baranis gara barnoota biraatti darbuusaanitiin dura, caalaatti hubannoosaanii cimsuudhaaf dhimmoota dabalataa ida’uun walqabatan akka hojjataniif kennamaaf.

‘‘Kana jechuunis tokkoon tokkoo barataa hanga sirriitti galuufitti waan duraan baratan qabachuu qabu jechuu miti,’’ jedhan Dr Liindoorf.

"Ijoolleen tokko tokkoos waa’ee ida’uurratti hubannoo gaarii yoo qabaatan, barsiisaan waa’een hir’isuu isaan barsiisa.’’

Kunis ida’uu karaa lakkoofsa gurguddaa ykn bocawwan garaa garaatiin hojjatamaniitiin ta’uu danda’a.

Kanaaf, barattoonni hubannoo gaarii qaban barattoota kaan waliin ida’uu itti fufu. Kan ida’an garuu karaa addaatiin ta’a.

Haala Herrega Singaappooritti barattoonni Herrega haala barbaachisuufi salaphaa isaaniif ta’etti hubachiisuun murteessaadha.

‘‘Yaadnisaas namni hundi Herrega hojjachuu kan danda’u ta’uu agarsiisuudha. Namni hundinuu yaad-riimee sana sadarkaa murtaa’een hubachuu danda’uu qabaata,’’ jedhan Dr Liindoorf.

‘‘Tokko tokkoos saffiisaa ta’u danda’u, kaan ammoo kan caalaa gadi fageenyaan hubatan ta’uu danda’u… Yeroo baayyee namoonni tokko tokko Herrega beeku. Kaan ammoo hin beekan jennee yaadna. Ani kanatti hin amanu. Kun kan Herrega Siingaappoor irratti hundaa’es miti.’’

Herrega Siingaappoor warri kaanis hojjachuu danda’uu?

Malli kun biyyoota akka Ameerikaa, Israa’el, Ingiliiziifi Kaanaadaa fakkaatan keessatti duraan hojiirra oolfameera.

Akka Dr Liindoorf jedhaniitti, garuu Herregni Siingaappoor kan milkaa’e aadaa barnootaa, walitti dhufeenya seenaa Siingaappoor waliin qabuun akka ta’e amanu.

‘‘Malicha qofaa fudhachuudhaan biyya biraatti itti fayyadamuu kan dandeessuu natti hin fakkaatu’’ jedhu.

‘‘Siingaappoor seenaa gammachiisaafi adda ta’e qabdi. Baayyee xiqqoodhas. Waa’ee jijjirama barnootaa yoo yaaddu, Siingaappooriifi biyyoota akka UK ykn Ameerkaa wal maddii ilaaluun sirrii miti.’’

Barsiisoonni Siingaappoortiitti argaman yoo kan biyyoota gara biraatiin wal bira qabamee madaalchiifaman, carraa hojii gaariifi deeggarsa fooyya’aa qabu jennee amanna. Barattoonni Siingaappoor ilaalchi isaan barnoota Herregaatiif qabanis milkaa’ina barnoota Herregaa Siingaappoor sababii gara biraati jedhu.

‘‘Namoonni sababiifi bu’aan barnoota Herregaa barachuu maal akka ta’e yaadu?’’ jeduu jechuun gaafatu.

ncG1vNJzZmivp6x7o67CZ5qopV%2BWs6KtzaipqKWfpHyivtOimqWdo2Swq77Gqaivn6dnfbA%3D

Chauncey Koziol

Update: 2024-08-12